Jilli Guddaan Oromoo milkiin xumurame – Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa
Finfinnee, Fulbaana 25, 2018(FMC) – Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa fi Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Harsadee har’a kabajame ilaalchisee Miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Irreechi bara kanaa akkaataa duudhaalee Irreechaa eegeen milkiin xumuramuu Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan ibsan.
Jilli guddaan Oromoo har’a Hora Harsadeetti gaggeeffamee milkiin xumurame jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan.
Sabaa fi sablammoota biyyattii hirmaachisuun haala miidhagaa fi hawwataa ta’een kabajamuu eeran.
Irreechi aadaa waanta’eef uummanni Oromoo amantaan, siyaasaa fi kutaan osoo wal hin qoodiin tokkummaan kabajan jechuun ibsan.
Wiirtuu siyaasaa sirna gadaa kan ture Bishooftuun dararaa keessa ture obsaan dabarsuun har’a jila guddaa Afrikaa Bahaa milkiin keessummeessuu dubbatan.
Irreechi Harsadee Akkaataa galateeffannaa fi aadaa hordofeen tokkummaa fi walummaan dabaalamee kabajamuu kaasan.
Qaamolee sirni guddaan kun akka milkaa’u qooda isaanii ba’an hunda, akkasumas Ummanni Oromoo sabaa fi sab-lammoota waliin akka galaanaa dimbilqee sirna isaa ulfeeffate galata guddaa qaba jedhan.
Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu gama isaaniin, Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee fi Harsadee milkiin xumuramuu isaaf ummanni Oromoo hundi baga gammaddan jechuun galateeffatan..
Irreechi bara kanaa akkaataa isa madaaluun akkaataa calaqqee nageenyaa, tokkummaa, araaraa fi galateeffannaa ibseen xumuramuu dubbatan.
Irreechi bara kanaa feestivaala guddaa ta’uu isaa haala mirkaneesseen kabajamuu eeran.
Ayyaanni Irreecha Harsadee mata duree “Irreecha Olka’iinsa Biyyaaf” jedhuun keessummoota hedduu hirmaachisuun haala ho’aa ta’een kabajameera.
Siifan Magarsaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.