Qaamooleen ayyaanni Irreechaa milkaa’inaan akka xumuramuuf ga’ee keessan baatan galata qabdu- Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Finfinnee, Fulbaana 25, 2017 (FMC) – Irreechi Hora Finfinnee fi Harsadee miidhagina ol aanaa fi karaa tasgabbii qabuun akka kabajamuuf qaamooleen gahee keessan baatan hundi galatoomaa jedhan Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa.
Ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, abbaa duudhaa gabbataa kan ta’e uummatni Oromoo calaqqee eenyummaa isaa kan ta’e Irreecha Hora Finfinnee fi Harsadii irratti tokkummaaf obbolummaa dhugaatiin dabaalamee jaalalaafi hammattummaatiin obboloota isaa biroo waliin faaya addaa goonfachuun ayyaanicha milkeessuu isaaf galata galchaniiru.
Irreechi ol ka’iinsa biyyaaf jennee kaabaa hanga kibbaa, bahaa hanga dhihaatti garaagarummaa tokko malee, ibsituu eenyummaa keessaniitiin faayamtanii karaa guddummaa keessaniin walmadaaluun naamusa, safuu fi safeeffannaa ol’aanaadhaan guddummaa keessani waan agarsiiftaniif galatoomaa jedhan.
Abbootiin Gadaa fi Hadhooliin Siinqee jala bultii ayyana Irreechaa irraa jalqabee nagummaa Irreechaaf nageenya lallaban, Waaqa uumaa fi uumamaa irraa araara kadhatan, qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran, foollee fi Shamarraan Oromoo akkasumas dhaabbileen miidiyaa hundi milkaahina argameef gumaachi gumaachan olaanaa ta’uus ibsaniiru.
Hundaa olitti ammoo sabaa fi sablammootni duudhaa obbolummaa bu’uureffachuudhaan sirna kana uummata Oromoo waliin qooddatan hunda galateeffataniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Bishooftuu akkasumas ummanni magaalota kanneenii keessummoota Irreechaaf dhufan simachuun isaanii kabaja ol’aanaa ummataaf qaban kan agarsiisee fi galaanni guddaan kan maluuf ta’uu ibsan.
Akka waliigalaatti Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee fi Harsadee karaa nagaa fi duudhaa ayyaanichaa ibsuun jalqabee akka xummuramuuf qaamolee gahee isaanii bahatan hunda galateeffataniiru.
#Qaamooleen ayyaanni Irreechaa milkaa’inaan akka xumuramuuf ga’ee keessan baatan galata qabdu- Obbo Kaffaaloo Tafarraa

#Oromia #Ethiopia