Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin naannoo Amaaraa nagaa lammiilee eeguuf aarsaa hedduu kaffaleera – obbo Tamasgeen Xurunaa 

Finfinnee, Fulbaana 25, 2017 (FMC) – Poolisiin naannoo Amaaraa nagaa lammiilee naannichaa  eeguuf aarsaa guddaa kaffaleera jedhan Mnistirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa. 

Obbo Tamasgeen kana kan dubbatan waajjira olaanaa Poolisii naannichaa tajaajila dijitaalaan degerame kennu wayita eebbisanii tajaajila eegalchiisanitti. 

Uummanni Amaaraa olka’iinsa Itiyoophiyaa irraa kan hinbuune qaama Itiyoophiyaa ti jedhan.

Naannichi gama tokkoon fiinxaleeyyii, baandaa fi halagaa irratti qabsaa’aa, gama biraan ammoo badhaadhina fiduuf boodatti hafummaa irratti qabsaa’uun injifannoo galmeessaa akka jiru dubbataniiru. 

Poolisiin naannichaas nageenya lammiilee eeguuf aarsaa guddaa kaffaluu dubbatanii, yakkamtoota, fiinxaleeyyii, malaammaltootaa, kotirobaandistota, baandaa fi halagaa irratti qabsaa’aa jira jedhan.

Ijaarsi isaa ga’umsaa fi cimina dhaabbatummaa isaa akka eeguuf rifoormiin geggeeffame hiriira adda addaa akka qabus dubbatan.

Poolisiin naannichaa seenaa naannichaa keessatti naannicha baandaa FI halagaa irraa eegee guddinaan ga’uu isaaf ergama itti aanee fi waadaa seeneef jecha aarsaa kaffaluu fi yaadnii fi harkisaa finxaleesaummaa irraa, hannaa fi gooxummaa irraa bilisa ta’uu mirkaneessuu barbaachisaa ta’uu hubachiisan.

Rifoormii kan eegalle poolisii seenaa isaa Naannoo Amaaraatti barreessu horachuuf kan jedhan obbo Tamasgeen, qaamoleen gocha farra nageenyaa irratti bobba’an nagaaf dursa kennuun mareef qophaa’uu qabu jedhan. 

Farreen nageenyaa bosona jiran baandummaa keessaa ba’anii nageenya naaannichaaf ga’ee isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru,

Laykuun Alamtu gabaase.

#Oromiya #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo 

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision 

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.