Itiyoophiyaa 1 – 0 Giinii Bisaaw
Finfinnee, Fulbaana 28, 2018(FMC) – Taphni Gulaallii Waancaa Addunyaa marsaa 9ffaan Itiyoophiyaa fi Giinii Bisaaw gidduutti taphatame olaantummaa Itiyoophiyaan xumurameera.
Itiyoophiyaan galchii 1 fi 0’n Giinii Bisaaw injifachuun qabxii waliigalaa gara 9tti ol guddifatteetti.
Raamkeel Jamsi daqiiqaa 27ffaarratti galchii tokkittii Itiyoophiyaan qabxii 3 ittiin argatte galcheera.
Itiyoophiyaan tapha gulaallii xumuraa Dilbata dhufu halkan sa’aatii 4:00 eegalee Burkiinaa Faasoo waliin taphatti.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.