Fana: At a Speed of Life!

Shaggar 1 – 2 Nageellee Arsii

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2019 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 5ffaan morkiin darbii Oromiyaa olaantummaa Nageellee Arsiin xumurameera.

Tapha har’a waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti taphatameen Nageellee Arsiin galchii 2 fi 1’n Shaggar injifateera.

Habiib Kamaalii fi Kooliinsi Kofiin galchiiwwan injifannoo Nageellee Arsii mirkaneessan tokko tokko yoo galchan, Daawiiti Kaasaw Shaggariif galchii tokko galcheera.

Kana hordofee Nageellee Arsiin qabxii 11’n liigicha dursuu eegaleera.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.