Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Afaaritti talaalliin ittisa dhibee Pooliyoo eegalame

Finfinnee, Fulbaana 30, 2018(FMC) – Naannoo Afaaritti talaallii qindaa’aan ittisa dhibee Pooliyoo marsaa 3ffaan eegalame.

Talaallichi har’a magaalaa Loogiyaatti eegalamuu fi daa’immaan kuma 300 fi kuma 49 ol talaaluuf karoorfamuu Hogganaan Biiroo Fayyaa naannichaa obbo Yaasiin Habiib ibsaniiru.

Duulichi mata duree ‘daa’imni umrii waggaa 5 gadii kamiiyyuu talaallii pooliyoo argachuu qabdi’ jedhuun kan gaggeeffamu akka ta’e eeran.

Talaalliin marsaa 3ffaa kun Fulbaana 30 bara 2018 hanga Onkololeessa 3, 2018tti kan kennamu ta’uu Daayrekterri olaanaan Inistiityuutii fayyaa fi qorannoo hawaasaa naannichaa obbo Hamadduu Ahimad himaniiru.

Yaasiin Nuuruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.