Fana: At a Speed of Life!

Feestivaala Nyaata Aadaa Itiyoophiyaa….

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2018(FMC)- Feestivaalli Nyaata Aadaa Itiyoophiyaa guyyaa har’aa Riizoortii Kurriftuu Afrikaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Feestivaalichi qindoomina Inistiitiyuutii Leenjii Tuurizimii Itiyoophiyaafi Kurriftuu Afrikaa Viileejiin kan qophaa’e yoo ta’u, nyaanni aadaa sabaafi sabalammootaa 31 guutuu Itiyoophiyaarraa agarsiisaaf filatamanii dhiyaataniiru.

Feestivaalli kun aadaafi nyaata aadaa beeksisuuf, ijaarsa maqaa gaarii biyyaafi tuurizimii nyaataa guddisuuf kaayyeffachuu eerameera.

Kana malees beekumsa xabboo haadholii dhaloota egereef dabarsuuf ta’uun ibsameera.

Sagantaa kanarratti haadholii nyaata aadaa qopheessan, bakka buutota sabaafi sablammootaa, hoteelotaafi dhaabbilee garaagaraa hirmaachaa jiru.

Qiddist Birhaanuutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.