Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila manneen murtii teeknooloojiin deeggaruuf hojjetamaa jira- Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2018(FMC)- Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoo tajaajila manneen murtii si’ataa taasisuufi teeknooloojiin deeggaruuf kutannoon hojjetamaa jira jedhan.

Sagantaan jalqabsiisa dhaddachaa bara baajataa 2018 Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa gaggeeffameera.

Saganticharratti obbo Taaggasaa Caafoo akka jedhanitti, qaamoleen seera hiiktuu hojiilee isaanii walabummaafi bilisummaan akka hojjetaniif hojjetamaa jira.

Fooyya’iinsi hojmaata seeraa, bu’uuraalee misoomaa iddoo hojii mijataa uumuuf dandeessisan babal’isuu, tajaajiloota teeknooloojiin deeggaruuf hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

Hojiileen tajaajila teeknooloojiin deeggaruu sadarkaa federaalaatti eegalaman sadarkaa hundatti akka babal’ataniif waloon ni hojjenna jedhaniiru.

Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Teewoodiroos Mihirat gama isaaniin, hojii bilisummaafi walabummaa abbaa seerummaa cimsuu, tajaajila si’eessuufi ammayyeessuuf hojjetameen bu’aa qabatamaan argamuu eeran.

Bara baajataa kanatti hojiin tajaajila teeknooloojiin ammayyeessuu, hojmaata haaraa hojiirra oolchuufi hammattoowwan seeraa fooyyessuu kan hojjetaman ta’uu ibsaniiru jechuun TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.