Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’inoonni keenya olka’iinsa Alaabaa keenyaa kan dabalanidha- TKM

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018( FMC)- Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa milkaa’inoonni keenya olka’iinsa Alaabaa keenyaa kan dabalanidha jedhe.

Tajaajilichi guyyaa Alaabaa sababeeffachuun ergaa dabarseera.

Itiyoophiyaan waggoota jijjiiramaa darbanitti milkaa’ina gurguddaa galmeessaa olka’iinsa isheef madaalu irra gahaa jiraachuu tajaajilichi ibsa isaan yaadachiiseera.

Gaabbii waggoota dheeraa kan ture Abbaayya hidhuun madda humnaafi ifaa taasisuu danda’uus kaaseera.

Haroo Nigaat irratti birmadummaa nyaataa ishee keessatti gahee olaanaa bahachuu kan danda’u oomisha qurxummii argachuu danda’uu, odolawwan fi magaalota haaraa bakka gahumsa tuurizimiif oolan uumuu kaasuun, seenessa gaabbii Abbayyaa gara labsii misiraachoofi injifannootti jijjiiruu ibseera.

Maddeen humnaa dabalataa bishaan irraa hanga hurkaa, ifa aduurraa hanga humna niwukileraa fi qilleensaa ijaaraa jiraachuu yaadachiiseera.

Kunneen hundi olka’iinsa Alaabaa ishee daran olkaasanii kan mul’isan ta’uu ibseera.

Itiyoophiyaan qabeenya lafarraa dabalatee qabeenyawwan lafa jalaa ishee fayyadamuutti ce’uu eeruun, milkaa’ina gaazii uumamaa baasuurratti argame guddisuufi boba’aan dabaluuf pirojektoota gurguddoo eegalteetti jedhe.

Bu’aa qabeessummaa damee qonnaa guddisuufis xaa’oo oomishuuf boqonnaa murteessaarra gahuushee kaasuun, kunis hojii birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf eegalte kan jabeessu ta’uu ibse.

Haala jiruufi jireenyaa uummataa jijjiiruuf biiroo irraa hanga mooraa jechuun eegaltee magaalaa irraa gara baadiyyaatti kan jedhutti cehuu eeruun, sosochiin maqaa gaarii magaalotaa jijjiiruu Finfinneetti eegalame ammayyummaa, yaada ismaarti siitii fi shaakala nama uumama waliin walsimsuu kan beeksise ta’uu yaadachiise.

Kunis giddugala dippiloomaasii kan taate Finfinnee maqaa ishee sadarkaa idil addunyaatti kan guddisuu fi olka’iinsa alaabaa biyyattii kan dabalu ta’uu hubachiise.

Tattaaffiin haala jiruufi jireenyaa baadiyyaa ammayyeessuun Itiyoophiyaa fakkeenya gaarii taasisuus bu’aa argamsiisaa jiraachuu kaasuun, kunneen hundi bu’aa tattaaffii keenyaa alaabaan keenya haala boonsaa ta’een akka mirmirfamuuf taasifnuuti jedhe.

Guyyaan Alaabaa har’a kabajnu bilisaan kan argame miti kan jedhe tajaajilichi, bilisummaa isaa kabachiisuuf abbootiin darban dhiiga, fooniifi lafee isaanii wareeganiiru; Itiyoophiyaa fakkeenya bilisummaa addunyaa taasisuun nu dhaalchisaniiru jedhe.

Har’as akkuma kaleessaa gootota birmadummaa Itiyoophiyaa dhiigaafi lafeen kabachiisuuf kutatan qabna; Alaabaan ishee fakkeenya bilisummaa ta’ee akka itti fufuuf gootonni lafarra, qilleensarra, galaanarraafi saayibariin kutannoon hojjetan jiraachuu eereera.

Guyyaa alaabaa kan kabajnu gootota addaa fi dirree hundatti Itiyoophiyaaf gatii kaffalan galateeffachuun, alaabaa keenyas olkaasnee mirmirsuun fi olkaa’iinsa olaanaaf akka carraaqnu waadaa galuuni jedhe.

Pirojektoota gurguddoo eegalaman milkeessuuf osoo of hin qusatiin waloon tattaafachuun fi badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf wareegama kamiyyuu kaffaluun lammiirraa kan eegamu ta’uu yaadachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.