Alaabaan keenya aasxaa imala olkaa’iinsa keenyaa ti – Afyaa’ii Taaggasee caafoo
Finfinnee, onkoloolessa 3, 2018(FMC) – Alaabaan keenya addunyaa irratti dhiibbaa gochuu danda’uu keenya kan ittiin mul’isnu aasxaa imala olka’iinsaa keenyaa ti jedhan Af-yaa’ii Taaggasee caafoo.
Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa 18ffaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.
Saganticha irratti ergaa kan dabarsan Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uumataa Taaggasaa Caafoo, alaabaan keenya mallattoo danooma, walqixxummaa fi tokkummaa sabdaneessummaa keenyaati jechuun ibsan.
Guyyichi kabaja alaabaa keenyaaf kennuu qabnu kan itti haaromsinu, waaddaa keenya kan itti haaromsinuu fi gootummaa keenya kan ittiin sochoosnuu dha jedhan.
Hojiin keenya har’aa hawwii fi mul’ata egeree keenyaa ifatti kan mul’isuu dha jechuunis ibsaniiru.
Alaabaan keenya diinonni alaa fi keessaa cabsuu kan hindandeenye daannoo tokkumma sabdaneessaa fi walabummaa keenyaa ta’uus dubbataniiru.
Qormaatilee cichoominaan ceenee, dandeettii biyya Afrikaaf fakkeenya taatee ijaaruuf qabnu kan itti cimnsinu, darbees addunyaa irratti dhibbaa gochuu danda’uu keenya kan ittiin mul’isnu asxaa imala olka’iinsa keenyaa ti jechuun eeraniiru.
Yoonaas Geetinnnatiin
#Ethiopia #Ethiopia