Yuunivarsiitiin Aksuum Barattoota simachuu eegale
Finfinnee, Onkololeessa 24, 2019 (FMC) – Yuunivarsiitiin Aksuum barattoota haaraa fi buleeyyii simachuu eegaleera.
Saganticharratti Pireezidaantiin Yuunivarsitichaa Pirofeesar Gabreyesuus Birhaaneen ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsaniiru.
Yuunivarsiitichi akka maatiitti isaan simachuun abdii egeree isaanii milkeessuuf qophii ta’uu dubbataniiru.
Akkasumas barattoonni turtiin isaanii milkaa’aa akka ta’uuf beekumsaa fi naamusa gaarii akka horataniif hawaasni Yuunivarsitichaa deeggarsa barbaachiisu hunda kan taasisu ta’uu eeraniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa