Balaan abiddaa buufata xiyyaaraa Baangilaadishitti mudate qabeenya Doolaara biiliyoona 1 barbadeesse
Finfinnee, Onkoloolessa 10, 2018 (FMC)- Balaan abiddaa buufata xiyyaaraa Baangilaadishitti mudate qabeenya Doolaara biiliyoona 1’tti tilmaamamu barbadeesse.
Balaan abiddaa giddugala loojistiksii buufata xiyyaarichaatti mudate kun huccuuwwan, qorichoota, keemikaalotaafi meeshaalee biroorra miidhaa guddaa qaqabsiisuun ibsameera.
Namoota abidda kana dhaamsaa turan 35 irras miidhaan gahuufi sababa balaa Kanaan balalliiwwan addaan citanii akka turanis eerameera.
Ka’umsi balichaa qoratamaa kan jiru yoo ta’u balichi sosochii daldalaa miidhuu akka danda’u BBC’n gabaaseera.
Baangilaadish Chaayinaatti aantee addunyaa irraa biyya huccuuwwan dhiyeessuun sadarkaa 2ffaa irra jirtu ta’uu kan ibse gabasichi, damicha irraa waggaatti galii Doolaara biiliyoona 40 argatti.
Balaan abiddaa sanbata darbe mudate kun biyyattiitti balaa abiddaa torban tokko keessatti yeroo sadaffaaf mudate yoo ta’u balaa abiddaa biraa man-kuusaarra gahee tureen namoonni 16 du’uun ibsameera.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama: t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.