Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellaatti Tajaajilli Giddugala tokko Masoob eebbifame

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2018 (FMC) – Naannoo Gaambeellaatti Tajaajilli Giddugala tokko Masoob eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’e.

Pireezidaantii naannichaa Aadde Alamituu Umoodii fi Komishinara Komishinii Siiviil Sarvisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa Hayilee dabalatee hoggantoonni mootummaa biroon saganticharratti argamaniiru.

Tajaajila bu’uuraa lammiileef kennaman ammayyeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Siiviil Sarvisii Dooktar Makuriyaa Hayileen eeraniiru.

Tajaajila si’ataa fi qaqqabamaa kennuun itti quufinsa maamiltootaa guddisuuf Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masooma gahee olaanaa qabaachuu kaasan.

Hanqina kenniinsa tajaajila dhaabbilee keessatti mul’atan furuuf qoodni qabu olaanaadha jedhan.

Dhamaatii fi baasii tajaajilamaa hambisuuf tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob eegalamuu Pireezidaantii naannichaa Aadde Alamituu Umoodi dubbachuu Kominikeeshiniin Naannicha Faanaa Diijitaalitti himeera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.