Fana: At a Speed of Life!

Kaayyoon misooma Koriidarii Baadiyyaa haala jireenya Qonnaan bulaa jijjiiruun badhaadhina mirkaneessuudha – TKM

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2018 (FMC) – Kaayyoon misooma Koriidarii Baadiyyaa haala jireenya Qonnaan bulaa jijjiiruun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuudha jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Mootummaan magaaloota Itiyoophiyaa madaalaan ijaaruuf hojiin misooma koriidarii magaalaa Finfinneetti eegalame naannoo hundatti babal’achuu ibse tajaajilichi.

Hojiin misooma Koriidarii kun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuc shoora olaanaa qaba jedhe.

Ammatti magaaloonni 68 misooma Koriidarii hojjechuu hime.

Misoomni koriidarii magaalummaa diinagdeen walitti kan hidhe yoo ta’u, hunda fayyadamoo kan taasisu, misooma haqa qabeessa lammiileef dhiyeessuuf kaayyeffamee biyyoota biroof illee fakkeenya haala ta’an magaalonni misoomaa jiraachuutu ibsame.

Haa ta’uutii lammiileen Itiyoophiyaa hedduun baadiyyaa waan jiraataniif haala jireenyaa hawaasa qonnaan bulaa jijjiiruu fi badhaadhina hundagalessa mirkaneessuuf hojiin magaalaatti hojjetame baadiyyaatti hojjetamuu qaba jedhe.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad  xumura baatii Caamsaa 2017 qaama misooma koriidarii kan ta’e Qa’ee Moodeela Baadiyyaa eegalchiisuun ni yaadatama.

Kunis jireenya fooyya’aa barbaachaa godaansa tasifamu hir’isuun guddinni madaallawaan akka dhufu taasisa jedhe.

Kanaaf misoomni Koriidarii baadiyyaa murteessaa ta’uu hime.

Waliigalaan Koriidariin baadiyyaa ce’umsa hawaasaa kan fiduu fi bu’uuraalee misoomaa dabalatee fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessan dhimmoota hedduu kan hammate yoo ta’u, naannawaa baadiyyaatti jireenya ammayyummaa kan uumuu fi haala jireenyaa qonnaan bulaa kan jijjiiru ta’uu ibse.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.