Dantaa biyyaalessaa tiksuun gahee mootummaa qofaa miti – Obbo Kabbadaa Deessisaa
Finfinnee, Onkololeessa 24, 2018 (FMC) – Dantaa biyyaalessaa tiksuun gahee mootummaa qofa osoo hin taane kan qaama hundaati jedhan Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii obbo Kabbadaa Deessisaan.
Dantaa biyyaalessaa tiskuun dhalootaa dhalootatti kan darbu, gahee lammilee hundaa fi dhimma mootummaa dhufaa darbaati jedhan obbo Kabbadaa Deessisaan turtii Faanaa Poodkaastii waliin taasisaniin.
Dhimma nama dhuunfaa, Paartii, murnaa fi mootummaa yeroo tokko biyya hogganuu osoo hin taane baraa baratti kan ce’u, dhalootaa dhalootaatti kan darbu kan qaama hundaati jedhan.
Bishaan ibsituu Dantaa biyyaalessaa keessaa tokko ta’uu kan himan obbo Kabbadaan, Hidhi Laga Abbayyaa fi Ulaan galaanaa ammoo ijoo ta’uu eeran.
Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa diinagdee Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa kan qabu, faayidaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa kan mirkaneessu akka ta’e eeran.
Sababa kanaan diinoonni yeroo garaagaraatti yaalii Itiyoophiyaa weeraruu gaggeessaa turuu ibsan.
Keessattuu bara kudha saddeet digdamoota keessa diinonni alaa madda laga abbayyaa qabachuuf yaalii olaanaa taasiisaa turuu kaasan.
Yaa ta’uutii Itiyoophiyaan yaaliwwan gaggeeffamaa turan hunda injifachuun Laga Abbayaa Dantaa biyyaalessaaf oolchuu dandeesserti jedhan.
Lammiileen Itiyoophiyaa garaagarummaa malee tokkummaan dhaabbachuun shira turan hunda qolachuun dantaa biyyaalessaa gama kanaan jiru milkeessuu ibsan.
Sirnoota darban keessaa dhimmi murnaa akka dantaa biyyaalessaatti ilaallamaa turuu himuun, ammaatti Itiyoophiyaan dhimmoota dantaa biyyaalessaa mirkaneessaniratti xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu kaasan.
Itiyoophiyaan abbayyaarratti wal waraanuurra misoomsuun waloon fayyadamuun akka caalu qabatamaan addunyaatti agarsiifte jedhan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.