Wayita Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa daawwannaa taasisaa jirtu Kooriyaan Kaabaa Rokkeettii dhukaafte
Finfinnee, Onkoloolessa 25, 2018 (FMC) – Wayita Ministiroonni Raayyaa Ittisaa Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa naannawaa daangaa Kooriyaa lamaanitti daawwannaa taasisaa jiranitti Kooriyaan Kaabaa Rokkeettiiwwan dhukaasuuu gabaafame.
Kooriyaan Kaabaa tibbana gara Rokkeettiiwwan 10 furgugsuu waraanni Kooriyaa Kibbaa beeksiseera.
Kutaa Lixa Garba Paassifikitti Rokkeettiwwan kanneen kan dhukaafte yoo ta’u, hammi miidhaa qaqqabsiiftee qulqullaa’aa jiraachuu ministiroonni Raayyaa Ittisaa biyyoota lamaanii ibsaniiru.
Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Piit Heegsatii fi gitni isaanii Kooriyaa Kibbaa Ahiin Jiiyuun naannawaa sosochii waraanarraa bilisa ta’an osoo hin daawwatin sa’aa tokko dura Rokkeettiwan kunneen furgugsamuutu ibsame.
Bifuma walfakkaatuun Kooriyaan Kaabaa guyyoota muraasa dura wayita Pireezidaantii Kooriyaa Kibbaa Lii Jee Miyaang gita isaanii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin walga’ii tumsa diinagdee Eeshiyaa – Paassifik gaggeessaa jiran Madfii dhukaafteerti jechuun Raayyaa Ittisaa Kooriyaa Kibbaa himateera.
Soosinnaa Alamaayyoon
#Oromia #Ethiopia