Fana: At a Speed of Life!

Giddugalichi gosoota sanyii midhaanii oomisha olaanaa kennan qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jira

Finfinnee, Onkoloolessa 25, 2018 (FMC) – Giddu galli qorannoo qonna Qulumsaa gosoota sanyii midhaanii oomisha olaanaa kennan qonnaan bultootaaf dhiyeessaan jira jedhe.

Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf sanyii gosa garaagaraa baay’isuurratti hojjetaa akka jiru ibse.

Giddugalicha qonnaan bultoota Godina Arsii Aanaa Leemmuufi Bilbiloof sanyii filatamaa qamadii baay’isan fayyadamoo akka ta’an deeggarsi godhamaa jiraachuu Daaryekterri giddu gala qorannoo qonna Qulumsaa obbo Shimallis Alamaayyoon ibsaniiru.

Giddu galichi Teeknoloojiiwwan qonnaa haaraa kalaquun diinagdeen biyyaa akka guddatuuf hojjetaa jiraachuu kaasan.

Bara kana Aanaalee saddeet keessatti teeknoloojiin sanyii baay’isuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jirra jedhan.

Giddugalichi Qonnaan bultoota sanyii baay’isuuf eeyyama qabaniif giddu gala sanyii itti baay’isanitti Sanyii haadhoo kennuu, qonnaan bultoota waldaan gurmaa’anii sanyii baay’isan cimsuu, Leenjii kennuu, hordoffiifi gamaggama taasisuu, deeggarsa ogummaa dirree fi haala qabannaa kuusaa isaanirratti hubannoo uumaa jira.

Qonnaan bultoota 232 ol sanyii ka’umsaa kennun akka isaan jiruuf jireenya isaanii jijjiiraniis taasisuu eeraniiru.

Faxxanaa Zawudeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.