Godinichatti Lafti heektarri kumni 400 fi kumni 47 ol oomisha garaagaraan uwwiffamee kunuunfamaa jira
Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2018 (FMC)- Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti qonna gannaa bara kanaan Lafti heektaarri kumni Dhibba 400 kumni 47 ol midhaan gosa garaagaraan uwwifamee kunuunfamaa jira jedhe Waajjirri Qonna Godinichaa.
Kanarraas callaa kuntaala miiliyoona 13 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Itti aanaa Itti Gaafatamaa waajjira qonna Godinichaa obbo Luluu Lammii Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Haalli qonna bara kanaa fooyya’aa ta’uu, bokkaan yeroo isaa eegee roobuu, nageenyi godinichaa fooyya’aa dhufuu fi galteewwan oomishaa yeroon hawaasa qaqqabuun oomishaaf oomishtummaa bara kanaa kan guddisu ta’uu obbo Luluun himaniiru.
Oomisha kilaasteraan misoomaa jiru keessaa Boqolloon lafa heektara kuma 80 olirratti misoomaa jiraachuu kaasaniiru.
Tsahaay Gulumaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.