Godina Jimmaatti Buna dhiqama toonii kuma 100 fi kuma 43 gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2018 (FMC)- Godina Jimmaatti Buna dhiqama toonii kuma 100 fi kuma 43 gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira.
Godinichatti oomisha bunaa toonii kuma 300 fi kuma 80 sassaabamu keessaa buna dhiqamaa toonii kuma 100 fi kuma 43 gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa kan jiraachuun ibsame.
Buna qulqullinni isa eegame sadarkaan isaa akka fooyya’uuf qonnaan bultoota, waldaalee fi abbootii qabeenyaa hojii misooma bunaa irratti bobba’an waliin qindoomina olaanaan hojjetamaa jiraachuunis eerameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma bunaaf xiyyeeffannaa kennee hojii hojjetaa jiruun oomishni Buna sadarkaa olaanaaan dabalaa jira.
Hojii biqiltuu Bunaa qopheessuurraa kaasee hanga sassaabbii oomishaatti ogummaan deeggaramuun karaa saayinsaawaa ta’een akka raawwatamu taasifamuun, oomishni akka dabalu qofa osoo hin taane qulqullinni bunaa akka fooyya’u gochuun gabaa giddu galeessaaf dhiyaatu akka dabalu ta’uun ibsamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.