Ameerikaatti balaa xiyyaara fe’umsaa irra ga’een lubbuun namoota 7 darbe
Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2018 (FMC)- Ameerikaa Bulchiinsa keentaakiitti xiyyaarri fe’umsaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Luwiisviil Muhaammad irraa ka’aa ture kufee caccabuun lubbuun namoota torbaa darbeera.
Bulchaan keentaakii Andii Beesher Akka jedhanitti, balichi kibxata galgala kan mudate yoo tau, xiyyaarichi erga ka’ee booda baay’ee utuu hin turin dho’uudhaan kan uumamee dha.
Balaa kanaan lubbuu namootaa durbeen alattis, namoota 11 irra midhaan kan qaqqabuu fi baay’inni namoota du’anii dabaluu akka danda’u eeraniiru.
Boba’aa gaalonii kuma 38 fe’ee gara Honooluulluutti deemuuf Ka’aa Kan ture Xiyyaarri kun daandii ittiin ol ka’u irraa sigigaatee gamoowwan naannoo jiranitti rukutamuun dhaabbilee daldalaa lama mancaasuun ibidda guddaa uumeera.
Ibiddi balaa kanaan uumame garri caalu kan to’atame you ta’u, sababa balaa kanaa baruuf qoratamaa jiraachuunis eerameera.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.