Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa negeenyaa waaressuuf dargaggoota irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba- Ministeericha

Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2018(FMC)- Ijaarsa negeenyaa waaressuuf dargaggoota irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhe Ministeerri Nageenyaa.

Sagantaan eebbaa dargaggoota tola ooltotaa guutuu biyyattiirraa walitti babba’uun marsaa 14ffaaf leenji’aa turanii magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera.

Ministeerichatti Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Hoggansa Hojii Mabraatuu Kaasaa wayita kana akka jedhanitti, leenjichi dargaggoonni naamusa gaarii fi miira jaalala biyyaa akka gonfataniif haala mijataa uuma.

Kanaan dura dargaggoonni kumni 60 ol leenjicha fudhachuu yaadachiisaniiru.

Ijaarsa nageenyaa milkeessuuf dargaggoota irratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeruun, dargaggoonni naannawaa ramadamanitti ambaasaaddara nagaa ta’uu fi hojii gaariin dhiibbaa uumuu akka qaban dhaaman.

Leenjii marsaa 14ffaa Kanaan dargaggoonni kumni 5 ol yuuniivarsiitiiwwan Jimmaa, Hawaasaa, Walloo, Walqixxeefi Jigjigaatti leenjii fudhachuu eeraniiru.

Dargaggoonni kunneen naannolee biyyattii garaagaraatti bobba’uun tajaajila tola ooltummaa garaagaraa kan kennan ta’uunis himameera.

Abeenezer Taayyeetu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.