Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Ijaarsa Piroojektii Birrii biiliyoona 1.2 olii eegaluuf waliigale

Finfinnee, Onkoloolessa 27, 2018 (FMC) – Ministeerri Bishaanii fi Inarjii magaalaa Dirre Dhawaatti Ijaarsa Piroojektii Birrii biiliyoona 1.2 olii eegaluuf waliigale.

Ijaarsa Piroojektii dhabamsiisaa fi qulqulleessa balfaaa eegaluuf Waldaa Ijaarsaa Dhuunfaa Itti Gaafatamummaan isaa murtaa’e Yoot jedhamu waliin waliigaltee mallateesseera.

Dhaabbatichi Piroojektii ummata Dirre Dhawaa fayyadamoo taasiisu danda’u kana yeroo jedhamee fi qulqullina barbaadamuun ijaaree akka xumuru Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittaffaan ibsaniiru.

Piroojektichi hawaasa naannawaaf carraa hojii bal’aa kan uumuu fi miidhagina magaalaa kan dabalu ta’uu eeran.

Faayidaa Piroojektichi biyyaaf qabu tilmaama keessa galchuun sadarkaa barbaadamuun xumuruuf kan hojjetan ta’uu hojii raawwachiisaa olaanaan Dhaabbata Ijaarsaa Yoot obbo Yohaannis Mulugeetaan himaniiru.

Ijaarsi Piroojektichaa maallaqa deeggarsa Baankii addunyaarraa argameen kan raawwatamu ta’uu Raawwataan hariiroo ummataa fi Kominikeeshinii ministeerichaa Geetinnat Simeen Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.