Fana: At a Speed of Life!

Humni Qilleensaa guddummaa Itiyoophiyaa maadalu ijaaramaa jira- Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Onkoloolessa 27, 2018 (FMC)- Humni Qilleensaa guddummaa Itiyoophiyaa maadalu ijaaramaa jira jedhan Ajaja Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan kabaja hundeeffama waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa irratti jiraattoota Magaalaa Bishooftuu fi naannawichaa waliin marii gaggeessaniiru.

Letenaal Jeneraal Yilmaan wayita kana haasawa taasisaniin, bara baraan birmadummaa biyyaattii mirkaneessuuf injifannoowwan garaagaraa galmaa’uu ibsuun, ammas dhaabbanni guddummaa Itiyoophiyaa maadalu ijaaramaa jira jedhan.

Bara Kana hundeeffamni Humna Qilleensaa mata duree “ Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa mallattoo bilisummaa fi tokkummaa “ jedhuun sagantaalee garaagaraan kan kabajamu ta’uu dubbataniiru.

Kabajni hundeeffama dhaabbatichaa maqaa gaarii magaalaa Bishooftuu fi naannawichaa ijaaruuf gahee olaanaa qabaachuu eeruun, magaalichaa qulqulleessuu, misoomsuun fi nageenyi akka itti mirkanaa’u gochuun gahee jiraattotaa ta’uu kaasaniiru.

Guyyichi Feestivaala ispoortii, marii paanaalii, daawwannaa fi sagantaalee adda addaan kan kabajamu ta’uu ibsuu Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.