Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa Misaa’ela Baalaastikaa furgugsite

Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi gita isaanii Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun waliin mari’achuuf qophii ta’uu beeksisanii sa’aa muraasan booda biyyattiin Misaa’ela Baalaastikaa furgugsite.

Kooriyaan Kaabaa Qarqara Garba Bahaatti misaa’elicha furgugsuu Kooriyaan Kibbaa fi Jaappaan beeksisaniiru.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi gita isaanii Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun waliin mari’achuuf qophii ta’uu beeksisanii sa’aa muraasan booda gochichi raawwachuun dubbii ijoo ta’eera.

Misaa’elichi Zoonii Diinagdee Jaappaan alatti kufuu isaa Ministirri Muummee Jaappaan Sannaay Taakaa’eichiin ibsaniiru.

Hammi miidhaa qaqqabes hin beekamne jedhan.

Torbee darbe Kooriyaa Kibbaatti daawwannaa gaggeessanii kan turan Doonaald Tiraampi Pireezidaanti Kiim Joong Uun waliin wal arguuf fedhii qabaachuu beeksisanii turuu ‘The Telegraph’ gabaaseera.

Abeel Nawaayin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.