Piroojeektii Hidha Magac baatii Waxabajjiin dura xumuruuf hojjetamaa jira- Dooktar Abrahaam Balaay
Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2018 (FMC)- Piroojeektii Hidha Magac baatii Waxabajjii bara 2018 dura xumuruuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Jallisii fi Nannawaa Gaammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay.
Adeemsi hojii hidhichaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamameera.
Dooktar Abrahaam Balaay piroojeekticha ilaalchisuun ibsa kennaniin, ijaarsi piroojektichaa ariitii fi qulqullinaan hojjetamaa jira jedhan.
Piroojekticharratti ummanni komii kaasaa turuu yaadachiisuun, rakkoo mudate furuuf mootummaan tattaaffii heddu taasisaa turuu himaniiru.
Hoggansa Dooktar Abiy Ahimad kennaniin, kontiraaktara haaraaf kennamuun rakkoon ture furamee hojiitti galamuu dubbataniiru.
Dabalataniis gorsitoota alaa hirmaachiisuun, rakkoo keessoo piroojektichaa adda baasuun, qorannoo gochuun rakkooleen teeknikaa adeemsa ijaarsaarra turan furmaata akka argatan taasifamuus kaasaniiru.
Hojii ijoo piroojektichaa kan ta’e hojiin laga jallisuu karaa milkaa’een xumuramuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fuula Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Piroojektichi lafa heektaara 870 kan buufate yoo ta’u, wayita hojichi xumuramu lafa heektara kuma 17 jallisiin ni misoomsaan eegama.
Miikiyaas Ayyalaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.