Faasiil eeguun iddoo gahumsa tuurizimii sadarkaa isaa eeggate taasisuun irra deebiin ijaaramuu Goondar kan agarsiisu- Obbo Aaganyaw Tashaagar
Finfinnee, Onkololeessa 29, 2018(FMC)- Hambaa Faasiil eeguun iddoo gahumsa tuurizimii sadarkaa isaa eeggate taasisuun irra deebiin ijaaramuu Goondar kan agarsiisudha jedhan Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aaganyaw Tashaagar.
Obbo Aaganyaw Tashaagar daawwannaa hojiilee misoomaa magaalichatti hojjetamaa jiran ilaalchisuun yaada kennaniin, Goondar magaalota biyyattii durii, seena qabeeyyiifi gurguddoo keessaa tokko ta’uu yaadachiisanii, mootummoonni durii magaalattii xiyyeeffannoo dhorkachuu ibsaniiru.
Masaraa mootummaa Faasiil akka iddoo gahumsa tuurizimii tokkootti ilaaluurra darbee eegumsiifi kunuunsi barbaachisaan taasifamaafii akka hin turre yaadachiisuun, jijjiirama biyyaalessaan booda dhimmoonni Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad xiyyeeffannoo kennuun hojjetan keessaa tokko qabeenya kuufamaa biyyatti mul’isuu akka ta’e eeran.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baajata guddaa ramaduun akka fooyya’uufi haalaan suphamuun daawwattootaaf akka banamuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjetamuu kaasaniiru.
Kana malees pirojektiin jallisii Magaci kallattii Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kaa’aniin waggaa tokko booda sadarkaa gaariirra jiraachuus eeran.
Kunis misooma Goondarii fi naannawaa isheef qooda olaanaa kan bahatu ta’uu hubachiisuun, lafa hanga heektaara kuma 30 misoomsuu fi dandeettii naannawaa Goondar jiru fayyadamuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.
Hojiileen misooma kooriidarii magaalichatti hojjetamaa jiranis jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.
Dabalataan inisheetiivii Maaddiin Biyyaaf’iin Iikkoo Loojiin Gorgooraa naannawichaa iddoo gahumsa tuurizimii ta’uurra darbee hojii konfiransii guddaa hojjechuu dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.