Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan muuxannoo misooma qamadii irratti galmeessiste naannawichatti babal’isuuf kutannoo qabdi- Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Sadaasa 1, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan muuxannoo misooma qamadii irratti galmeessiste naannawichatti babal’isuuf kutannoo qabdi jedhe Ministeerri Qonnaa.

Waltajjiin qooda fudhattoota naannawaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa (FAO) 19ffaan gaggeeffamaa jira.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Mallas Makonnin waltajjicharratti akka jedhanitti, milkaa’inni Itiyoophiyaan misooma qamadii irratti galmeessiste bu’aa wal simuu imaammataa, qorannoofi qo’annoo akkasumas hirmaannaa qonnaan bultootaa kan agarsiisudha.

Itiyoophiyaan damee qonnaan oomisha naannoo bu’uureffateefi gabaarratti xiyyeeffatu babal’isuu, qisaasama oomishaan booda mudatu hir’isuu, agro-piroosesiingii babal’isuufi carraa hojii uumuu baadiyyaaf dursa kan kennitu ta’uus eeran.

Kana malees mootummaan kalaqoota haaraa giddugaloota qorannoo irraa gara ooyiruutti baasuuf qorannoon, eksiteeshinii qonnaafi leenjii qonnaan bultootaa irratti hojjechaa jiraachuu kaasan.

Itiyoophiyaan misooma qabeenya beelladaa irrattis xiyyeeffannoon hojjechaa akka jirtu eeraniiru.

Tarsiimoowwan damee qonnaa Itiyoophiyaa sirna cancala oomisha qonnaa naannawaa FAO waliin kan wal simu ta’uu kaasanii, qindoominaan hojjechuun dhiyeessii nyaataa guddisuuf, sirna nyaataa fooyyessuufi diinagdee cimaa ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Hayilamaariyaam Taganyiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.