Fooraamiin Magaaloota Itiyoophiyaa 10ffaan Samaraa Loogiyaatti gaggeeffama
Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC)- Fooraamiin Magaaloota Itiyoophiyaa 10ffaan Sadaasa 6- 10, 2018 Naannoo Afaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti gaggeeffamuuf qophiin xumurame jedhe Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa.
Fooramichi mata duree ”Guddinni Magaaloota Itiyoophiyaa giddugala beekumsaaf” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Aadde Caaltuun, fayyadamummaa misoomaa haqa qabeessa magaaloota Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tattaaffiwwan eegalaman cimanii itti fufu jedhan.
Magaaloonni akka walbaranii fi qabeenya uumamaa isaanii waloon misoomsuun akka badhaadhan kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.
Fooramichi obbolummaa cimsuu fi waldorgommii giddugaleeffachuun aadaa hojii guddisuu fi Magaalonni dandeettii invastimantii, daldalaa fi tuurizimii qaban akka itti mul’isaniif carraa kan uumuuf ta‘uu kaasaniiru.
Fooramicharratti magaaloonni biyyoota ollaa fi biyya keessaa 150 oli fi dhaabbiileen daldalaa 10 ol kan hirmaatan ta’uu Aadde Caaltuun ibsaniiru.
Daddamaqina magaalootaaf ka’umsa kan ta’eefi magaalaa Finfinneetti kan eegale misoomni koriidarii wayita ammaa magaaloota 73 qaqqabuus eeraniiru.
Fooramiin magaaloota Itiyoophiyaa 9ffaan magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamuun ni yaaadatama.
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.