Lammii dorgomaa ta’e horachuuf barnoota qulqullina qabu kennuun barbaachisaadha – Piroofeesar Birhaanuu Naggaa
Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC) – Lammii ga’umsa qabuu fi dorgomaa ta’e horachuuf barnoota qulqullina qabu kennuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan.
Yaa’iin Barnootaa Sadarkaa Biyyaalessaa 34ffaan mata duree ‘barnoota haqa qabeessaa fi qulqullina qabu hundeef’ jedhuun taa’amaa jira.
Itiyoophiyaan bakka isheef malu akka geessuuf barnoonni filannoo jalqabaa ta’uu ibsan Piroofeesar Birhaanuu Naggaan yaa’icharratti ergaa dabarsaniin.
Lammii ga’umsaa fi dorgomaa ta’e horachuuf barnoota qulqullina qabu kennuun murteessaa ta’uu eeran.
Kunis sadarkaa idileen duraa kaasee hojjetamuu akka qabu hubachiisan.
Dhaloota ijaarsa biyyaaf bu’uura ta’u horachuu keessatti qooda fudhattoonni hundi gahee isaanii akka bahatan gaafatan.
Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.