Sirni awwaalchaa Piroofeesar Laaphisoo raawwate
Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC) – Sirni awwaalchaa Piroofeesar Laaphisoo Geetahuun Deelleboo bakka awwaalchaa Pheexiroos Waphaawuloositti raawwatameera.
Hoggantoonni mootummaa, Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, firroottanii fi maatiin isaanii bakka argamanitti sirni awwaalchaa raawwatame.
Qorataa fi gameessi seenaa Piroofeesar Laaphisoo Geetahuun Deelleeboo dhibee isaan mudateen Onkololeessa 30, 2018 dhalatanii umrii waggaa 87ffaa isaanitti addunyaa kanarraa du’aan boqochuun kan yaadatamuudha.
Piroofeesar Laaphisoon seenaa Itiyoophiyaa fi Afrikaarratti qorannoo garaagaraa gaggeessuun Kitaabilee adda addaa barreessuun dubbiftootaa biraan gahuun seenaa Itiyoophiyaa keessatti ashaaraa olaanaa nama qaban turan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.