Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni Albuudaa fi Teeknooloojii 4ffaan baname

Finfinnee, Sadaasa 4, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan agarsiisa Albuudaa fi Teeknooloojii 4ffaa Giddugala Konveshinii Idil Addunyaa Addisitti bananiiru.

Obbo Tamasgeen haasawa taasisaniin, agarsisichi hoggantoota olaanoo mootummaa misoomsitoota damichaa akkasumas qorattoota waliin kan wal fidu ta’uu dubbatan.

Itiyoophiyaan albuuda kuufama qabachuu eeruun, akkaataa cabiinsa damichaa furuun danda’amurratti hojjechaa jirti jedhan.

Mootummaan damee Albuudaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu ibsuun, utubaalee diinagdee keessaa tokko Albuuda ta’uu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan qubsuma tarsima’aafi qabeenya Albuudaa qabduun barbaadamtummaan ishee dabalaa jira jedhan.

Ijaarsi warshaa gaazii uumamaa, boba’aa fi xaa’oo Doolara biiliyoona 10 ‘n ijaaruuf eegalte agarsiiftuu guddina biyyattii ta’uu eeraniiru.

Sagantaa baniinsa kanarratti obbo Tamasgeen Xurunaa dabalatee, Ministira Ministeera Albuudaa Injiinar Haabtaamuu Tagganyi, Ministira Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allebal, Gorsaa Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Daayiqoon Daani’eel Kibrati fi hoggantonni olaanoo mootummaa biroon argamaniiru.

Agarsiisichi Sadaasa 4- 7, 2018 kan turuu ta’uun ibsameera.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.