Guyyaa sabaaf sablamoota Itiyoophiyaa 20ffaa kabajuuf qophiin taasifamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 5, 2018 (FMC) – Guyyaa sabaaf sablamoota Itiyoophiyaa 20ffaa kabajuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jira jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar.
Koree Olaanaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii qophii jiru gamaaggameera.
Qophiin ayyaanichi gaafatu taasifamuu gamaggamaa gooneen ilaallerra jedhan obbo Aganyahu Tashaagar.
Magaalaan Hoosaa’inaa haala gahaa ta’een qophii taasiissuu eeran.
Iddoolee fi bu’uuraaleen kabaja ayyaanichaaf barbaachisan hundi qophii ta’uu isaanii kaasan.
Hojiileen muraasni hafan saffisaan akka xumuraman kallattiin kaa’amuu himan.
Hojiilee hafan guyyoota 15 keessatti guutummaatti xumuruuf kan hojjetamu ta’uu Pireezidanatiin Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Dooktar Indashaaw Xaasew mirkaneessaniiru.
Maartaa Getaachootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.