Fana: At a Speed of Life!

Tapha gulaallii Seekaafaa kallattiin Faanaa + siin

Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC) –Tapha Gulaallii jalqabaa Waancaa Bahaa fi Giddugaleessaa Afrikaa umrii waggaa 17 gadii Itiyoophiyaan Ruwaandaa waliin taphattu Faanaa ‘Plus’ kallattiin tamsaasa.

Taphichi har’a waaree boodaa sa’aatii 10:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti taphatama.

‎Tapha Waancaa Seekaafaa qopheessummaa Itiyoophiyaan gaggeeffamu kanarratti biyyoonni Bahaa fi Giddugalessa Afrikaa 10 ni hirmaatu.

Taphichi Sadaasaa 6 – 23, 2018tti taphatama.

Falmii har’a sa’aatii 10:00 eegalee gaggeeffaamu kana Faanaa + siin kallattiin hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.