Itiyoophiyaan yaa’icha akka qopheessitu filatamuun Itiyoophiyaaf ta’ee Afrikaaf seenaa guddaadha – Mahaammad Alii Yuusuuf
Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan yaa’ii qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa akka qopheessitu filatamuun Itiyoophiyaaf ta’ee Afrikaaf seenaa guddaadha jedhan dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yuusuuf.
Itiyoophiyaan carraa kana argachuuf isheef baga gammaddan jedhan.
Kunis Afrikaan jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf murannoo qabaachuu mul’isa jedhan.
Itiyoophiyaan eegumsa naannoorratti hojii dinqisiifatamu hojjetaa jiraachuu kaasan.
Hojiin sagantaa Ashaaraa magariisaa fi magariisummaa magaalaa, Diinagdee magariisaa fi anniisaa haromfamurratti hojjetaa jirtu biyyoota biroof fakeenyaa olaanaa fi muuxannoo gaarii akka ta’e eeran.
Teessoo Gamtaa Afrikaa kan taatee fi giddugalli dippiloomaasii idil addunyaa Finfinneen yaa’icha akka keessummeessitu filatamuun tumsa idil addunyaa keessatti qooda qabdu caalmaatti kan guddisu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.
Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 30ffaa Biraaziil Beellemitti taa’amaa jiruun Itiyoophiyaan Yaa’ii 32ffaa bara 2027 gaggeeffamu akka qopheessitu filatamuun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.