Fana: At a Speed of Life!

Kantibaa Adaanech Abeebeen Hospitaala Yaadannoo Zawdiituu haala addaan babal’ifamaa fi haaromfamaa ture hojii eegalchiisan

Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC) – Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Hospitaala Yaadannoo Zawdiituu haala addaan babal’ifamaa fi haaromfamaa ture hojii eegalchiisaniiru.

Hospitaalli buleessi Yaadannoo Zawdiituu akkaataa magaalaa Finfinnee madaaluun hojiin babal’isuu hojjetamaa ture xumuramuun meeshaalee yaala fayyaa ammayyaa yeroon barbaadu guutumuun har’a ifatti hojii eegaleera jedhan Aadde Adaanech.

Hojiin Babal’isuu Hospitaala Yaadannoo Zawdiituu kun giddugala yaalaa olaanaa, Gamoo abbaa darbii 10 lafa Kaaree meetira kuma 1 fi 800 qubdatee fi tajaajila ciibsanii yaalamuu, sireewwan 320 kan qabuu ta’uu kaasan.

Kunis tajaajila Hospitaalichi waggoottan 91 oliif kennaa ture dachaan guddisa jedhan.

Hojii Magaalaa Finfinnee giddugala Tuurizimii Fayyaa taasisuuf hojjetamaa jiru caalmaatti kan guddisu ta’uu eeran.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.