Fana: At a Speed of Life!

Hojiin misooma Koriidarii eegalame magaalota hawwataa fi mijatoo taasise – Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC) – Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaan mata duree “Guddina Magaalotaa Olka’insa Itiyoophiyaaf! jedhuun Naannoo Afaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti gaggeeffamaa jira.

Hojiin misooma Koriidarii eegalame magaalota hawwataa fi mijatoo taasise jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Qindeessaan Giddugala Ijaarsa sirna Diimokiraasiifi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahi.

Afaar ummata jabaafi walabummaa biyyaaf gumaacha guddaa kaffale ta’uu eeran.

‎Fooramiin Magaalotaa Magaalota jidduutti miira dorgomtummaa qajeelummaa qabu kan uumu waltajjii waloo misoomni biyyaati jedhan Obbo Adaam Faaraah saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.‎

‎Mootummaan jijjiiramaa misoomni magaalotaa olka’insa biyyaaf murteessaa ta’uu amanee hojjechaa jira jechuun kaasan.

Magaalota 70 ol keessatti hojiin misooma koriidarii hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

‎Waggoottan jijjiiramaa darbanitti hojiin misooma magaalotaafi Maqaa gaarii biyyaa ijaaraan baayy’inaafi qulqullinaan hojjetamuu eeran. ‎

‎Mgaalonni pilaaniin hogganamaa fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuf hojjechuu akka qaban yaadachiisan obbo Adam Faaraah.

Beezaawiit Kabbadaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.