Itiyoophiyaan Ruwaandaa goolii 2 fi 0 injifatte
Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC)- Tapha Gulaallii jalqabaa Waancaa Bahaa fi Giddugaleessaa Afrikaa umrii waggaa 17 gadiin Itiyoophiyaan Ruwaandaa goolii 2 fi 0 injifatteerti.
Daawwit Kaasaa fi Huuzayifaa Shaafii Itiyoophiyaaf goolii tokko tokko galchaniiru.
Tapha Gulaallii jalqabaa Waancaa Bahaa fi Giddugaleessaa Afrikaa umrii waggaa 17 gadii guyyaa sa’aatii 7:00 irratti taphatameen Somaaliyaafi Sudaan Kibbaa goolii 2 fi 2 qixa bahaniiru.
Sa’aatii 11:00 irratti Taanzaaniyaan Sudaan waliin akkasumas sa’aatii 12:00 irratti Burundiin Yugaandaa waliin ni taphatu.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.