Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Afaaritti hojiileen dandeettii tuurizimii guddisuu danda’an hojjetamaa jiru- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC)- Naannoo Afaaritti hojiileen dandeettii tuurizimii guddisuu danda’an hojjetamaa jiru jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Itti gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.

Obbo Adam Faaraah turtii naannoo Afaar magaalaa Samaraatti taasisaniin, hojiileen dandeettii tuurizimii naannichaa guddisuuf gargaaran hojjetamaa akka jiran daawwachuu ibsaniiru.

Hoteelonniifi galmoonni eenyummaa, aadaa, gootummaafi cichoomina Afaar haala ammayyaan calaqisiisuu danda’an ijaaramuufi ijaaramaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojiileen kunneen damee konfiransii tuurizimiif boqonnaa haaraa kan bananfi Afaariin wiirtuu konfiransiin biyyaalessaafi idil-addunyaa itti gaggeeffaman taasisuuf kan gargaaran ta’uus eeraniiru.

Bu’aalee misoomaa naannichatti dameewwan hundarratti argaman galmeessisuu fi dhaabbilee tajaajila tuurizimii kennan ijaaruu kan danda’u uummataafi hoggansa tokkummaa, nageenyaafi kutannoo qabu ta’uu ibsaniiru.

Bu’aalee argaman itti fufsiisuufi babal’isuuf nageenya, misooma, bulchiinsa gaariifi tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf waltumsuufi kutannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhan.

Keessumaa hoggansi carraafi itti gaafatamummaa uummanni itti kenne amanamummaafi kutannoo olaanaan bahachuuf tattaaffii eegale cimsee akka itti fufu ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.