Ambaasaaddar Laggaasaa Tulluun xaalayaa muudama isaanii Pireezidaanti Isimaa’eel Oomar Giileef dhiyeessan
Finfinnee, Sadaasa 8, 2018 (FMC) – Jiibuutiitti Ambaasaaddar guutuu ta’uun kan muudaman Dooktar Ambaasaaddar Laggaasaa Tulluun xaalayaa muudama isaanii Pireezidaantii biyyattii Isimaa’eel Oomar Giilleef dhiyeessaniiru.
Dooktar Ambaasaaddar Laggasaa Tulluun turtii isaanii Jiibuutiin hariiroo biyyoota lamaanii gamhedduun jiru caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu ibsaniiru.
Duudhaalee fi faayidaalee waloo biyyoota lamaanii kabachiisuuf ni hojjenna jechuu isaanii Imbaasichi Faanaa Diijitaaliif himeera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.