Fooramichi magaalonni bakka teeknooloojiin maddu ta’uu qabatamaan agarsiise- Aadde Caaltuu Saanii
Finfinnee, Sadaasa 8, 2018(FMC) – Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin fooramii 10ffaan magaalotaa magaalonni bakka beekumsi teeknooloojii maddu ta’uu qabatamaan agarsiiseera jedhan.
Fooramii 10ffaan Magaalota Itiyoophiyaa naannoo Afaar magaalaa Loogiyaatti gaggeeffamaa jira.
Aadde Caaltuu Saaniin agarsiisa fooramicha ilaalchisuun qophaa’e daawwataniiru.
Xiyyeeffannoo mootummaan magaalotaaf kenne bu’aa qabatamaa galmeessisaa akka jiru kaasanii, magaalonni dandeettiifi qabeenya qabaniin misoomaa jiraachuu ibsaniiru.
Agarsiisni kun hariiroon magaalotaa akka cimuufi muuxannoo akka waliif qoodaniif gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.