Fana: At a Speed of Life!

Odeeffannoo sobaa Hubannoo Namtolchee of eeggannoo olaanaa barbaadu

Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) –Dhaabbilee diijitaalaa addunyaa irratti argaman keessaa adda duree kan ta’e hoji gaggeessaan dhaabbata Google Sundar Piichaach invastimantii guddaan Hubannoo namtolchee irratti hojjetamaa jira jedhan.

Carraan qabiyyee Teeknooloojiin dhufu guddaa ta’us  sodaa isa waliin dhufu sirnaan hubachuun of eeggannoo olaanaa taasiisuun murteessaa ta’uu hubachiisan.

Dhaabbanni kamiiyyuu Sodaa odeeffannoo sobaa hubannoo namtolcheerraa bilisa ta’uu akka hin dandeenye kaasan.

Kanaaf of eeggannoo cimaa taasiisuun dirqama ta’uu yaadachiisan.

Yeroo ammaa hanguma Hubannoo Namtolcheetti baasii olaanaan bahu, of eeggannoo isa madaalu gochuun murteessaa ta’uu eeran.

Carraa hubannoo namtolchee qofa osoo hin taane sodaa inni qabus tilmaama keessa galchuun dirqama ta’uu dubbatan.

Odeeffannoon sobaa hubannoo namtolcheen oomishamu miidhaa olaanaa kan qaqqabsiisuudha jedhan.

Dhimmichi dhaabbata Googliif illee sodaa cimaa ta’uu himuun, miidhaa inni fidurra baraaramuun kan hin danda’amne akka ta’e ibsan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.