Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa haleellaa Saayibarii ittisuuf hojjechaa jira

Finfinnee, Sadaasa 11, 2018 (FMC)- Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa halallewwan saayibarii fi waliin dhahuu raawwatamu ittisuuf xiyyeeffannaan hojjechaan jira jedhe.

Baankiichi Baatii nageenya Saayibarii 2ffaa kabajaa jira.

Saganticharratti Bakka Bu’aan Pireezidaantii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Efireem Makuriyaa fi hoggantoonni olaanoo dhabbilee gargaraa argamaniiru.

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa tajaajila si’ataa fi yeroo wajiin deemu kennaa jira jedhan obbo Efireem.

Keessattuu karoora Diijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tattaaffii taasifamu keessatti gahee isaa bahataa jira jedhan.

Wayita amma bittaa fi gurgurttaan %90 kan raawwatamu karaa diijitaalan ta’uu ibsuun, kana wajjiin wal qabatee sodaa fi saaxilamummaan haleellawwan saayibarii fi waliindhahuun dabalaa jiraachuu jiraachuu ibsan.

Rakkicha furuuf baankichi teeknooloojii yeroo madaalu diriirsuun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Malaakuu Gaddiiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.