Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Maaleezyiyaan riqicha Afrikaa fi Eeshiyaa ti – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 11, 2018(FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaa fi Maaleezyiyaan riqicha Afrikaa fi Eeshiyaa ti jedhan.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad fi Ministirri Muummee Maaleezyiyaa Daatoo Sarii Anwaar Biin Ibraahiim waloon ibsa kennaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy wayita kana akka dubbatanitti, biyyoonni lamaan riqicha Afrikaa fi Eeshiyaa ti.

Dhimmoota murteessoo biyyoota lamaan fayyadan irratti mati’achuu isaanii kaasanii, daawwannaan kun boqonnaa haaraa kan bane ta’uu dubbatan.

Biyyoonni lamaan mul’ata waloof michummaa isaanii cimsanii akka itti fufanis ibsaniiru.

Itiyoophiyaan addunyaa hawwachuuf humna guddaa akka qabdus ibsanii, kanaanis yaa’ii qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii(Koop32) akka keessummeessituuf filatamuu ishee yaadachiisaniiru.

Dabalataanis dameelee indaastirii, hubannoo namtolchee, tuurizimii fi kanneen biroon waliin hojjechuuf ballinaan mari’achuu dubbatan.

Michummaan biyyoota lamaanii kan tureedha kan jedhan Ministirri Muummee Maaleezyiyaa Daatoo Sarii Anwaar Biin Ibraahiim gama isaaniin, hariiroon kun gara fuula duraatti cimeenakka itti fufuuf akka hojjetamu mirkaneessaniiru.

Itiyoophiyaan biyya lammiileen amantii fi aadaa hedduu qaban keessa jiraatan ta’uu kaasanii, hunduu wal kabajanii keessa jiraatu jedhan.

Daawwannaan isaanii Itiyoophiyaas bu’a qabeessa akka ture ibsuun, michummaa ture caalmaatti kan cimse ta’uu hubachiisaniiru.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.