Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti oomishtummaa hanqaaquu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 12, 2018(FMC)- Naannoo Oromiyaatti sagantaa Maaddii Guutuun oomishtummaa hanqaaquu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa naannichaa.

Hogganaa Itti aanaafi Itti gaafatamaan Damee Misooma Beelladaa obbo Toleeraa Dabalaa Faanaa Dijiitaaliitti akka himanitti, naannichatti sagantaan Maaddii Guutuu bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jira.

Sagantichaan oomishtummaa aannanii, dammaa, hanqaaquu fi qurxummii guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti oomisha foon lukkuufi hanqaaquu guddisuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin qindoominaan hojjetamuu eeraniiru.

Horsiisa lukkuun tattaaffiin qonnaan bulaa fayyadamoo taasisuuf eegalame cimee itti fufuu kaasanii, bara baajatichaatti cuuciiwwan sanyii fooyya’oo miiliyoona 100 raabsuuf hojjetamaa akka jiru ibsan.

Kurmaana jalqabaa kanattis cuuciiwwan sanyii fooyya’oo miiliyoonni 26 ol raabsamuu eeraniiru.

Bara baajataa kanatti hanqaaquu biiliyoona 6 fi miiliyoona 500 oomishuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu fi baatiiwwan sadan darbanitti hanqaaquun miiliyoonni 400 fi miiliyoonni 32 oomishamuu himan.

Rakkoolee walitti hidhamiinsa gabaafi dhiyeessii nyaata lukkuun walqabatee ka’u maqsuuf kutannoon kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.