Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bara kana Damma Toonii kuma 100 fi kuma79 oomishuuf hojjetamaa jira – BQO

Finfinnee, Sadaasa 15, 2018 (FMC) – Oromiyaatti bara 2018 keessa Damma Toonii kuma 100 fi kuma 79 oomishuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa naannoo Oromiyaa.

Haala mijataa Naannoon Oromiyaa misooma dammaaf qabdu fayyadamuun yeroo ammaa naannichatti dammi bal’inaan oomishamaa jira.

Inisheetiiviin misooma Dammaa bara 2013 Godina Jimmaatti eegale yeroo ammaa godinaalee Oromiyaa 21 keessatti hojiirra oolaa jiraachuu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonna Oromiyaa obbo Toleeraa Dabalaan himan.

Hammi isaa wal yaa darbuu malee Godinaalee hunda keessatti dammi oomishamaa jiraachuu eeran.

Gaagurri ammaayyaa miiliyoonni 1 fi kumni 500 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu dubbatan obbo Toleeraan.

Gaagura ammayyaa tokko irraa giddugaleessan dammi kiiloo giraamni 28, Gaagura ce’umsaarraa kiiloo giraamni 22 fi gaagura aadaarraa kiiloo giraamni hanga 8 oomishamaa jira.

Waggaattis yeroo lama dammi muramaa jiraachuu fi Godinaalee horsiisa Kanniisaaf haala qilleensaa caalmaatti mijataa qabanitti ammoo waggaatti yeroo 3 damma muruun jalqabameera jedhan.

Bara 2017 waggaatti Dammi Tooniin kumni 100 fi kumni 69 oomishamuu eeruun, bara 2018 ammoo Toonii kuma 100 fi kuma 79 oomishuuf hojjetamaa jira jedhan obbo Toleeraa Dabalaan turtii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii waliin taasisaniin.

Keessattuu damma qulqulluu oomishuun gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Siifan Magarsaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.