Baatiiwwan sadan darban daldala alaarraa galiin Doolaara biiliyoona 3.21 argame – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Sadaasa 17, 2019 (FMC) – Baatiiwwan sadan darban daldala alaarraa Galiin Doolara biiliyonni 3.1 argameera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaada fi gaafii miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarra dhiyaataniif ibsaa fi deebii kennaa jiru.
Dooktar Abiy galii alaa ilaachiisee yaada kennaniin, kunis kan bara darbeen walbira qabamee wayita ilaalamu %25 guddina agarsiisuu ibsaniiru.
Riifoormii biyyaalessaan dura waggootan jiran waliin wayita madaalamu immoo galii daldalaa waggaa tokkoo wajjiin kan sirratuudha.
Kunis Itiyoophiyaan dandeettii olaanaa osoo qabdu hanqina hojmaataan qabamtee turuu kan agarsiisu ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.
#MullataGuddaa#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa