Fana: At a Speed of Life!

Hawaasa fayya qabeessa horachuuf waliingahiinsi talaallii qooda olaanaa qaba- Ministeericha

Finfinnee, Sadaasa 16, 2018(FMC)- Ministeerri Fayyaa hawaasa fayya qabeessa horachuuf waliingahiinsi talaallii qooda olaanaa qaba jedhe.

Talaalliin dhibee Tiruu sadarkaa biyyaalessaatti daa’immaniif kennamuu magaalaa Finfinnee Hospitaala Abbabeech Goobanaatti eegalchiifameera.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan wayita kana hawaasa fayyaa qabeessa horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Dhibee tiruu lubbuu daa’immaniifi haadholii galaafatu dursanii ittisuuf sadarkaa biyyaalessaatti talaalliin daa’immaniif kennamu eegalamuu eeraniiru.

‎Hawaasni talaallii kanatti akka fayyadamuuf keessumaa haadholiin dhaabbilee fayyaatti akka dahaniif hundi gaheesaa akka bahatu dhaamaniiru.

Talaalliin dhibee tiruu daa’immanii kun dhaabbilee fayyaa mootummaafi dhuunfaa filataman keessatti kan kennamu ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.