Fana: At a Speed of Life!

Dubartiin duutee jedhamuun reeffishee bakka gubatu geefamte sanduuqa rukutuun kaate

Finfinnee, Sadaasa 16, 2018 (FMC) – Taayilaanditti Dubartiin duute jedhamuun hospitaalaa baafamtee reeffashee gubuuf osoo deemanii kaate ijoo dubbii taate.

Dubartiin kun lammii Taayilaand yoo taatu Manni Sagadaa Budistii Waat Raat Piraakhong qarqara magaalaa baangkookitti argamu reeffa dubartii tokkoo konkolaataa piik aappiin fe’amtee fuula Feesbuukii isaa irratti maxxanse.

Reeffi abujadii adiin kafaname kun kan dubartii duute jedhamuun sirna reeffa gubuuf geeffamtedha.

Hogganaan faayinaansii mana kadhannichaa dubartiin ganna 65 duute jedhamte kun ilma isheen reeffi ishee akka geeffame APtti hime.

Saaxinii reeffaa keessaa osoo rurukuttuu dhageenye. Baay’ee na raajeera. Yeroo banu namuu ni nahe jedhe. Osoo ija ishee banattuu arge. Waan rukutaa turte natti fakkaata jedhe.

Obboleessi ishee akka jedhetti dhukkubsattee waggaa lamaaf sireetti galtee ture. Guyyaa lama dura afuurri ishee dhaabbachuun akka duute mirkanaa’e.

Kana dura yeroon du’u qaama koo arjoomaa waan jetteettuuf obboleessi ishee reefffa ishe efe’uun kiiloo meetira  500 gara hospitaala Baangikook jiruutti imale jechuun BBCn gabaaseera.

Ragaa du’uu ishee hospitaala irraa waan qabatee hin deemneef qaama ishee hin fudhannu jechuun didanii deebisan.

Manni Kadhannaa geese ammoo tajaajila tola reeffa gubuu aadaa awwalchaa biyyichatti beekamu bilisaan waan raawwatuuf akka geessan gaggeessaan mana amantichaa hime.

Manni amantichaas du’a ishee ragaa agarsiisu qabatee waan hin deemneef sirnicha raawwachuu dide.

Akaataatti waraqaa ragaa du’aa argachuu danda’u osoo ibsaafii jiruu gidduun sagalee wayii dhagahan.

Sanduuqa reeffaa keessaa rurukutaa turte.

Sana booda akka lubbuun jiru hubachuun hospitaala naannichaatti erguu himan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.