Fana: At a Speed of Life!

Jeettiiwwan Kooriyaa Kibbaa balaliisaan suuraa kaasuuf osoo yaaluu walitti bu’an

Finfinnee, Ebla 14, 2018 (FMC) – Taateen kun kan mudate bara faranjootaa 2021’tti.

Jeettiiwwan waraanaa Kooriyaa Kibbaa balalliirra osoo jiranii magaalaa Deeguutti walitti bu’an.

Sababni ka’umsa balichaa qoratamaa ture yeroo ammaa ifoomuu aanga’oonni mootummaa biyyattii beeksisaaniiru.

Jeettiiwwan kunneen walitti bu’uu kan danda’an balaliisaan tokko suuraa kaasuuf osoo yaaluu akka ta’e mirkanaa’eera.

Balaa mudatee tureen balaliistota irra miidhaan osoo hin gahiin qubachuu danda’aniiru.

Haa ta’u malee balichi qabeenya irra miidhaa maallaqa biyyattii Woon miiliyoona 800 fi miiliyoona 80( Doolaara kuma 500 fi kuma 96) qaqqabsiiseera.

Balichi kan mudate of eeggannoo gochuu dhabuu balaliisichaan ta’uun qorannoon waan mirkanaa’eef balichaan booda balaliisaan hojiirraa arii’ame Wooni miiliyoona 88 akka kaffalu itti murtaa’eera.

Adabbii isaaf sababa kan ta’e balaliisichi sooramaan hojiirraa waan gaggeeffamuuf balalii isaa xumuraan yaadannoof suuraa akka kaasu dubbatee akka ture eerameera.

Balaliisaa biraa irratti tarkaanfiin fudhatamuufi fudhatamuu dhabuu ilaalchisee wanti jedhame kan hin jirre ta’uu BBC’n gabaaseera.

Abeel Niwaayiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.