Fana: At a Speed of Life!

Balaa ibiddaa Hoong Koongitti mudateen lakkoofsi namoota du’anii 128 gahe

Finfinnee, Sadaasa 19, 2018 (FMC)- Balaa ibiddaa Hoong Koongitti mudateen lakkoofsi namoota du’anii 128 gahuun gabaafameera.

Balaa ibiddaa roobii darbe manneen waliin jireenyaa irratti mudate kanaan lubbuun namoota 128 darbuufi 200 ol ammoo achi buuteen isaanii dhabamuun ibsameera.

Balaa ibiddaa guyyoottaniif ture kana to’achuun danda’amuus Hogganaan Nageenyaa Hoong Koongi Kiriis Taang eeraniiru.

Balicha to’achuuf hojjettoonni balaa ibiddaa kumni 2 ol kan hirmaatan yoo ta’u, namoota balaa Kanaan manneen isaanii dhabanii bakka qubsuma yeroo jiraniif deeggarsi taasifamaa jira jedhan.

Ka’umsa balichaa adda baasuuf poolisiin qorannoo eegaluufi ragaalee adda baasaa jiraachuu ibsaniiru.

Hayilamaariyaam Taganyiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.